Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Naannoo Oromiyaa Keessaan lakkoobsi Namoota Qe’ee Irraa Godaananii Ol Ka’aa Adeeme: OCHA


FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahan, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahan, naannoo Amaaraa

Sababaa walitti bu’iinsa naannoo Oromiyaa keessaan lakkoobsi namoota qe’ee ofii irraa buqa’anii gara naannoo amaaraatti godaananii ol guddachu isaa OCHAn beeksisee jira.

Waajjirichi angawoota naannoo fi hojjettoota gargaarsa namoomaa wabii godhachuun akka ibsetti naannoo Oromiyaa godinaalee Walakkaa irraa buqqaatonni walitti aansuun gara godinaalee naannoo Amaaraa seenaa jiru jedhameera.

Komiishinni ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo Amaaraa fuulleetti namoonni wal ga’an qe’ee isaanii dhiisanii kan godaanan ajjeechaa WABOn raawwatuuni jechuun himatan.

Dubbi himaan WABO Odaa Tarbee kana dura VOAf ibsa kennaniin gareen isaanii ajjeechaa kana keessaa harka akka hin qabaannee fi magaalota naannoo sana keessa turan humnoota Faqqadaa fi humna faannoo ti jechuun himannaa irratti dhiyaate haalanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG