Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Dhalattoota Amaaraa  fi Tigraay Washington DC Keessatti Geggeessame


Garee mootummaa Itoophiyaa walgahii Internaashinaal Monitarii Fundi irratti hirmaachuf dhufan mormuudhan namoota hiriira bahan, Waashingitan Diisii, Onk. 15 , 2022
Garee mootummaa Itoophiyaa walgahii Internaashinaal Monitarii Fundi irratti hirmaachuf dhufan mormuudhan namoota hiriira bahan, Waashingitan Diisii, Onk. 15 , 2022

Naannoo Washington DCtti kan argaman miseensonni hawaasa dhalattoota Tigraay xumura torban darbee wal ga’uu ddhaan jiloota mootummaa Itiyoophiyaa baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqa addunyaa dhufan irratti mormii isaanii dhageessisanii jiran.

Mormitoonni kun ministrii maallaqaa Itiyoophiyaa obbo Ahimed Shidee waliin walitti ba’uu isaanii qindeessaa kan ta’an obbo Mesfin Ayyenew waahila keenya afaan Tigiree Gebree Hagoosiif ibsaniiru.

Gama biraan hawaasaaleen Amaaraa, naannoo Walaggaa fi naannolee biroo keessatti dhalattoota Amaaraa irratti ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqa’uutu raawwataa jira jedhan jechuu dhaan White House fuulleetti hiriira geggeessan.

Qindeessitoota hiriirichaa keessaa tokko kan ta’e obbo Mesfin Baayaabbil sababaa waraansa sanaan kanneen miidhaman dhalattoota Amaaraaf hawaasi addunyaa ilaalcha ga’aa hin kennine jechuu dhaan deebii ga’aan akka kennamu yaadachiisuun kaayyoo hiriirichaa ijoo ta’uu dubbatee jira jechuun Habtaamuu Siyyum bakka sanatti argamuun gabaaseera.

Dhalattoonni Tigraay Kibba Walloo Keessaa Hiriira Geggeessan

Naannoo amaaraa godina Walloo kibbaa keessa kan jiraatan dhalattoonni Tigraay kanneen kumaan laka’aman, wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa deebi’ee ka’e mormanii jiran.

Hiriirtonni kun haalli nageenya Kaaba Itiyoophiyaa yeroo ammaa gad adeemaa deemuu isaaf ABUTn himataniiru. Furmaata karaa gagaaf tattaaffii taasisamu dhanquu dhaan biyyattiin irra deddeebi’uun gara walitti bu’iinsaatti akka seente kan taasisu TPLF jedhan jechuu dhaan Mesfin Arraagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG