Kaaba biyya maalawii keessatti reenfii namoottan 25 awwaalaa jimlaa keessatti argamuu isaa pooliisiin biyyatti Roobii kaleessaa beeksisee jira. Dubii himaan poolisii biyyatii Piiper Kaalaayaa wabeeffachuudhaan AFP akka gabaasetti reenfichii kan godaantotaa lammiilee Itiyoophiyaa ta’u danda’a jedhamuu isaa ibseera.
Awwaalii jimlaa kun kan argame Magaalaa gudditti biyyatti Liloongee irraa kiiloomeetirii 250 bakka Miiziimbaa jedhamutti namoottan bosona keessa dammaa murachaa jiraniin yemuu ta’uu, reenfichii kan namootaa karaa seeraan alaa Malaawii keessa darbanii garaa Afirikaa kibbaatti imalaa jiran akka ta’an poolisiin ibseera.
Reenfiichii kan naamootaa umuriin isaanii wagga 25 amma 40 ta’uu danda’a jedhame kun erga awwaalamee ji’a tokkoo ol akka hin taane ibsameeraa.
Akkaa dubii himaan poolisii malawii jedhanitti bara kana keessaa ji’a Amajii irraa kaasee amma ji’a Fulbaanaatti, haangaa’onni godaantota seeraan alaa 221 qabuu danda’an keessaa 186 lammiilee Itiyoophiyaati.
Forum