Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaan Jibbinsaa Waraansa Itiyoophiyaa Kaabaatti Daranuu Zayita Boba’aa Naqe, Jedhame


Faayilii -Ms. Alice Wairimu Nderitu of Kenya - Tokkummaa mootummootaatti gorsituu addaa dhimma ittisa fixiinsa sanyii
Faayilii -Ms. Alice Wairimu Nderitu of Kenya - Tokkummaa mootummootaatti gorsituu addaa dhimma ittisa fixiinsa sanyii

Dhaabbileen miidiiyaa hawaasaa walwaraansaa Kaaba Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiruu ilaalchisee haasawwan jibbaa irratii hundaa’an too’achuudhaaf waan danda’an hunda akka godhan dhaabataa mootummootaa gamtoomaniitti gorsituu dhimma Itisa ajeechaa eenyumaa irratti hundaa’ee ykn jeenoosaayid kan ta’an Aliise Waayirimuu Ndeeritu ibsuu isaanii daabanii oduu Assooshiyetid press ibsee jiraa.

Ibsii kun akka jedhetti, haasawwan ololaa hoggantoonni mootummaa fi ABUT taasisan walti bu’insichii akka babalachaa deemuu taasisee jira.

Walti bu’insichii babalachaa deemee yeroo amma hookkoraa saalaa dabalatee,gochaawwan suukanneessan raawachaa akka jiran kan ibsan haangaatuun mootummootaa gamtoomanii kun haasaawwan jibba fi gosaa irratti huunda’ani midiyaalee hawaasaa adda adda irratii tattamsa’aa jiran rakkincha babaldhisaa jiraachuu isaanii ibsanii jiru.

Dhaabbileen mediyaalee hawaasaa too’atan meeshaa danda’amee huunda fayyadamuudhaan haasawwan loogii fi diinummaa lallaban akka dhaabsisuu Aliis Waayirimu Ndeeritu gaafatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG