Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nagaa Itiyoophiyaa Torban Dhufu Jalqabama Jedhame


Faayilii - Ambassadder Reedwaan Huseen
Faayilii - Ambassadder Reedwaan Huseen

Walwaraansa kaaba Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiruu marii karaa naagaatiin xumuruudhaaf sagantaan marii gamtaan Afrikaa qopheesse Onkoloolesaa 24 bara 2022 Afrikaa kibbaa keessatti akka taasifamuuf karoorfame gorsaa dhimmaa nageenyaa Muumee ministeera Itiyoophiyaa kan ta’a ambaasadeer Reduwaan Huseen kamisa har’aa ibsuu isaanii Assooshiiyeetid prees gabaaseera.

Dubii himaa duraa taa’aa komoshiinii gamtaa Afrikaa kan ta’am Eebbaa Kaloondoo gama isaaniitin marichii akka Onkoloolesaa 24 taasifamuu VOAti himuu isaanii Kenedii Abaatee Finfinne irraa gabaaseera.

Ambaasader Reeduwaan fuulaa tiwutarii isaanii irratti, mootummaan marii kana irratti akka hirmaatuu beeksisuu isaa himanii, “gareewwan tokko tokko tarkaanfii ittisaa nu fudhachaa jiru irratii oduu sobaa facaasuudhaan marichii akka hin taasifamen yaalaa jiruu” jedhaniiru.

Mariin nageenyaa gamtaa Afrikaatiin qophaa’e kun kan taasifamuuf karoorfame Onkoloolessa 8 bara 2022 yoo ta’u, sababa loogestiikaatiin jechaa ittu hin taasifamin hafe.

Dhimma kana irratti kan gabaasee madii oduu Ajaans Fraans Prees karaa ABUTn deebiin haraan kennamee akk hin jirree ibseera. Haa ta’u malee hoggantoonni ABUT dhimmaa marii nageenyaa irratti ibsa Kanaan dura kennaa turan keessatti marichaaf qophaawaa ta’uu isaanii akka himaa turan ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG