Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kibba Sudaan Keessatti Lola Guyyoota Lamaaf Geggeeffameen yoo xiqqaate Namoonni 150 Ajjeefamuun Gabaasame


FAAYILII - Walitti bu'iinsa Sudaan gara bahaa kessatti ka'e keessa konkolaata gubate, Adoolessa 18, 2022
FAAYILII - Walitti bu'iinsa Sudaan gara bahaa kessatti ka'e keessa konkolaata gubate, Adoolessa 18, 2022

Bulchiinsa Sudaan kibbaa kutaa Biluu Naayil keessatti falmii lafa ilaalchisee yeroo dhiyootti uumameen guyyoota lamaaf lola raawwatameen daa’imman dabalatee namoonni 150 ajjeefamuu isaanii ogeessi fayyaa Kamisa kaleessaa ibseera.

Lolli kun ji’oota darban keessa kan raawwate muraasa keessaa isa hamaa yoo ta’u, namoonni hedduun mormii dhageessisuu dhaan daandii magaalaa guddoo bulchiinsa Blue Nile Damazin irratti bahuun dhaadannoowwan dhageessisuu dhaan waldhabdee bara kana namoota dhibbaan lakkaa’aman galaafate balaaleffatan.

Walitti bu’iinsi magaalaa Blue Nile keessatti torban darbe, erga miseensota ummata Hausaa fi gareewwan diinota isaanii gidduutti lafa irratti falmiin ka’ee booda kan uumame yoo ta’u, jiraattonni dhibbaan lakkaa’aman dhukaasa cimaa fi manneen ibiddaan gubachuu jalaa dheessan dubbataniiru.

Waraansi kun kan fuuleffate Kaartuum irraa gama kibbaatti fageenya km 500 irratti kan argamu naannoo Rozerees-tti kan argamu naannoo Wal Al-maahii irratti ture.

Itti gaafatamaan hospitaala Wad al-maahii Abbaas Musaa, dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota dabalatee roobii fi kamisa gidduu yeroo jirtutti namoonni 150 ta’an ajjeefamaniiru jedhan. Hookkara sanaanis namoonni 86tti hedaman maaa’anii jiran.

Kamisa kaleessaa namoonni dhibbaan laka’man Damazin keessatti mormii dhageessianiiru, hangi tokko bulchaan kutaa sanaa hojii irraa akka ari’amu gaafachuu isaanii kanneen ijaan argan dubbachuu isaanii AFPn gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG