Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraannii Itoophiyaa Kaabaa Keessaa Cimee itti Fufuun Isaa na Yaaddesse Jetti Yunaaytid Isteets


US-UN-DIPLOMACY-BLINKEN
US-UN-DIPLOMACY-BLINKEN

Naannoo Tigraayitti mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti lolli itti fufee waan jiruuf, Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitd Isteetis Antoonii Blinken “lolli kaaba Itiyoophiyaa keessatti cimee fi balaa fixiinsa jumlaa mudachuu malu ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru jechuu dhaan dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ameerikaa Ned Praayis twiitera isaanii irratti barreessaniiru.

Blinken diinummaan hatattamaan akka dhaabbatu, gargaarsa namoomaa gufuu tokko malee qaqqabsiisuu, marii torbee dhufu gamtaan Gamtaan Afriikaa qopheesse irratti amanamummaa gaariin hirmaachuu, akkasumas Eertiraan humna ishee kaaba Itoophiyaa keessaa baasuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru," jechuun dubbi himaan kun ibsaniiru. Ministrichi Blinken kana kan dubbatan, kaleessa muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Gutiyeereez waliin bilbilaan ennaa mari’atanitti.

Ameerikaan mariin nagaa dafee akka eegalus gaafachaa jirti. Ergamaan addaa Maayik Haamer Finfinee kan turanii fi tattaaffii Gamtaa Afrikaa deeggaraa kan turan ta’uu isaaniii Need Praayis kaleessa gaazexeessitootaaf ibsaniiru. Piraayis itti dabaluun akka jedhanitti, Manni Maree Nagaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa fi golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa har’a haala kaaba Ityoophiyaa irratti mari’achuuf beellamni qabamee ture jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.

Haa ta'u malee Muummichi miniteeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad, Kamisa kaleessaa haasaa Finfinnee dhaa alatti taasisaniin “Guyyaan obboloota keenya Tigraay waliin dhaabbannee misoomaaf waliin hojjennu dhihoo ta’uu abdiin qaba” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG