Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Chaad Keessatti Namoonni Gara 50 Ajjeefamuu Mootummaan Beeksise


FAAYILII - Namoota mootummaa moormuudhan hiriira bahanii humnoota mootummaatin walitti bu'an, Cahad, Onk. 20, 2022.
FAAYILII - Namoota mootummaa moormuudhan hiriira bahanii humnoota mootummaatin walitti bu'an, Cahad, Onk. 20, 2022.

Kamisa kaleessaa Chaad keessatti namoonni dhibbaan laka’aman gara bulchiinsa dimokraasiitti akka ce’amu gaaffii ennaa dhiyeessanitti hookkara ka’een namoonni 50 ta’an yoo ajjeefaman kannen 300 ta’an immoo madaa’anii jiru.

Tuuta oduuf ibsa kennan irratti lakkoobsa namoota du’anii kan ibsan muummichi ministeeraa Saaleeh Kebzaaboo, mootummaan ammas fincila hidhattoonni kaasanii namoota miidhaan irra ga’e adda baafataa jira jedhan.

Humnoonni nagaa eegsisan garuu magaalaa galma mootummaa Njaameenaa fi magaalaalee ka biroo hedduu keessati hiriirawwan geggeessaman irratti fixiinsa suukaneessaa raawwataniin namoota nagaan hidhannoo hin qabaanne ajjeesuu isaanii gareeleen mirga namaa dubbataniiru.

Humna waraanaan kan hoogganamtu biyyi Afriikaa waltaa bal’oon, kurna sadiif humnaan bitaa kan turan erga du’a prezidaanti Idiris Debii kan Ebla bara 2021 qabee jeeqamaa jirti.

Ilmi isaanii Mahaammat Idiris Debii yeroo gabaabaa keessatti aangoo dhunfachuu dhaan baatilee 18n jalqabaa irra filannoon akka geggeessamu waadaa seenanis, Onkoloolessa tokko immoo gara waggoota lamaatti akka dheeressan beeksisan. Mormitoonnii fi hawaasaaleen sivilii kamisa kaleessaa waaddaa yeroo ce’umsaa baatilee 18 booda seename ilaalchisee hiriia mormii waamanii turan. Mootummaan garuu nageenyaaf maqaa jedhuun hiriira sana ugguree jira.

Hiriirtonni garuu ganamaan ka’anii daandii cufuu dhaan waajjira haadhoo kan paartii muummciha ministeera haaraatti ibidda qabsiisaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG