Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bilinken Dhimma Itiyoophiyaa Irratti Kaleessa Ruttoo fi Ministara Afrikaa Kibbaa Waliin Dubbatan


USA-DIPLOMACY/
USA-DIPLOMACY/

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitdi Isteetis Marii Araaraa Itiyoophiyaa Har’a Afrikaa Kibbaa Keessatti jalqabama jedhamee eegamu ilaalchisee prezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo fi Ministara Dhimma Alaa, Hariiroo fi Waliitumsa Idil Addunyaa Afirkaa Kibbaa Naaleedii Paandoor waliin kaleessa dubbatanii jiran.

Mr. Bilinken, marii isaanii tii booda barreeffamoota fuula Twiiterii isaanii irratti maxxansaniin, “Ministara Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Paandoor waliinis haalawwan mariiwwan araaraa Itiyoophiyaa itti milkaa’an irratti mari’annee jirra. Qooda barbaachisaa Afrikaa Kibbaa marii sana keessatti qabduufis galateeffadheen jira,” jedhan.

Dubbi-himaan Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Iasteetis Need Praayis, barreeffama kaleessa baasanii fi marsariitii ministirichaa irratti maxxansaniin Bilinken yeroo prezidaanti Ruuttoo waliin dubbataniitti ‘qooda ijoo Keeniyaan, nagaa fi tasgagabbii Itiyoophiyaa fi guutummaa Afrikaa keessatti qabdi’ jedhan irratti kan mari’atan tahuu, Sadaasa fuul-dura keenyaa Waashington Diisii keessatti ka geggeessamu fi prezidaant Joo Baayiden kan waaman gumii hoogganoota Yunaayitid Isteetis fi biyyoota Afrikaa irrattis mari’achuu isaanii, dubbi-himaan isaanii kun eeranii jiru.

Gama biraatiin Ministarichi Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Bilinken baatii Fulbaana dabree keessa marii bu’a qabeessa prezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waliin Waashington Diisii keessatti geggeessan hordofee, Yunaayitid Isteetis fi Afrikaa Kibbaa dhimmoota dantaalee isaanii waloo irratti akka walii tumsan irra deebi’anii mirkaneessanii jiran, jedha, ibsi waajjira dubbi-himaa sana irraa bahe.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG