Sudaan keessatti dhaabata dhunfaa bittaa fi gurgurtaa akkasumas mirga fayyadamtootaa to’atu yeroo fonqolcha waraanaa bara darbe irratti tajaajiila intarneetiin cite jechuun mana murtiitti waan dhiyeesseef jecha mootummaan sudaan ehama hojii dhaabata kanaa ugguree jira.
Waldaan Eegumsa Fayyadamtoota Sudaan bara darbe mana murtii mootummaan tajaajila interneetii fonqolcha mootummaa Onkoloolessa 25 irratti ugguree akka deebisu gochuuf ajaju gaafatee ture. Manni murtichaa yeroo lama interneetiin akka deebi'u murteessee ture, garu hojii irra hin oollee, tajaajilli dhuma irratti sadaasa 18 bara darbe deebi'ee hin jalqabame.
Hogganaan waldaa kanaaYasir Mirghani akka jedhanitti, hayyama garee kanaa waggoota 24f ittiin hojjetee booda haqamuu Dilbata kaleessaa xalayaan isaan ga’e.
Forum