Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaartuum Keessatti Hiriirtoota Keessaa Tokko Ajjeefameera


Hiriira mormii Sudan
Hiriira mormii Sudan

Humnoonni nageenyaa Dilbata kaleessaa magaalaa galama mootummaa Sudaan Kaartuum keessatti mormitoota keessaa tokko rasaasaan rukutanii ajjeesuu isaanii ogeeyyiin fayyaa himanii jiru.

Kunis waggaa fonqolcha mootummaa waraanaa kan biyyattiin gara bulchiinsa siiviiliitti ce’uu ishee karaa irraa itti maqse waggaa tokko guutuuf guyyaa lama lafa hafeetti. Erga Hagayya 31 as Duuti yeroo duraaf mudate kun, lakkoofsi hiriirtota waggaa darbe keessa walii galaan ajjeefaman 118n ga’u isaa ibsamee jira.

Kibxata borii fonqolcha mootummaa waraanni gaggeessee fi Onkoloolessa 25 hogganaa waraanaa Abdel Fattah al-Burhaan durfamu erga gaggeeffamee waggaa tokko yoo ta’u, hiriira mormii farra fonqolcha mootummaa torban tokkotti dhihaatu gaggeeffamee fi aanagawoonni hiriirtoota irratti tarkaanfii kan itti fudhatan ture.

Jimaata darbe, biyya hiyyeeyyii addunyaa keessaa tokko kan taatee Sudaan keessatti rakkoo siyaasaa fi dinagdeen, waan liqiimfamteef jecha, namoonni kumaatamaan lakkaawaman daandii magaalota guutuu Sudaan irratti bahuun gara bulchiinsa siiviiliitti akka deebi’u gaafatan.

Gareeleen waraanaa fi sivilii mariin rakkoo jiru akka furatan gochuuf maanguddonni addunyaa kan yaalan ta’uus, waa’een xumuura argachuu isaaf waan mul’atu hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG