Uummanni Sudaan Kibbaa keessatti balaa lolaa robaan miidhaman deeggarsa addunyaa baay’ee kan barbaadan ta’u Dhaabbanni baqattootaa kan Tokkummaa Mootummoota (UNHCR)beeksisee jira.
Jijjiiramni qilleensaa Afrikaa irratti miidhaa geessisaa jiruuf, dhaabbileen gargaarsaa namoota miliyoonaan lakkaa’aman kanneen caama hamaa waggoota afuriif gaanfa Afrikaa keessatti rakkataniif nyaataa fi gargaarsa biroo kennuudhaaf rakkachaa jiru.
Sudaan Kibbaa immo,gama dhiyaatiin rakkoo lolaa bishanii seena qabeessa waggoota afuriif mudate waliin wal’aansoo qabaa jirti. Dhaabbanni baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa ykn UNHCR akka jedhutti, roobni guddaa kan waggoota afuriif argamee biyyattii harka sadii keessaa lama bishaaniin liqimsee jira jedha.
Haala qilleensaa namoota baay’inaan hatattamaan qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi namoota duraanuu rooba hamaa kanaan buqqa’aniif jireenya akka itti ulfaatu taasisaa jechuun akeekkachiise.
Rakkoon haala qilleensaa jabaataa yeroo deemuu waan hamaan mudachuuf deema jedha jaarmayaan kun.
Forum