Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Jilli Isaa Mariif Har’a Gara Afrikaa Kibbaatti Imaluu Beeksisee Jira


Faayilii - Haleellaa naannoo Tigraay
Caamsaa 11, 2021.
Faayilii - Haleellaa naannoo Tigraay Caamsaa 11, 2021.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa marii nageenyaa Gamtaan Afrikaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) waliin waame irratti hirmaachuuf jilli isaa har’a ganama gara Afrikaa Kibbaatti imaluu isaa beeksise.

Mootummaan Itiyoophiyaa marii kana akka carraa waldhabdee uumame karaa nagaan furuu fi haala lafarra jiru fooyyeessa jechuun kan ilaaluu ta’u, ibsii ministriin ittisaa kan Itiyoophiyaa baase beeksisee jira.

Dubbii himaa ABUT Proofeesar Kindayyaa Gabrehiwoot kaleessa fuula Twiitarii isaanii irratti barruu maxxansaniin gareen isaanii Afrikaa Kibba galuu isaa beeksisanii jiran.

Marii araaraa Itiyoophiyaa fi Tigiraay ka Gamtaa Afrikaatiin hoogganamutti hirmaachuuf jilli mootummaa Tigiraay Afrikaa Kibbaa seenee jira, jedhan. Mootummaan Itiyoophiyaa garu waraanni isaa guyyoota dhiyeenya kanaa keessa maagaaloota gurguddoo to’aachhaa akka jiru ibsee isaan kam akka ta’an garu hin ibsinee.

Gama kaaniin, Abuniin kaatoliika Romaa Poop Fraansiis mariin mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT giddutti gaggeeffamuuf har’a tti saganteeffame dursuun Dilbata kaleessaa waa’ee Itiyoophiyaa kadhatanii jiru.

Waa'ee waldhabdee Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru yaaddoodhaaniin hordofa jedhanii, Jeequmsii rakkoo fura osoo hin taane bu'aa gaddisiisaa inni fidu kan dabalu ta'uu, ammas onneen koo irra irra deebi'een hima jedhan.

Gidiraa ummanni ofii isaa of irraa ittisuu hin dandeenye kana hoggantoonni siyaasaa dhaabuu akkasumas, furmaata haqa qabeessa kan waaraa, nagaa guutuu biyyatti ta’u akka barbaadan waamicha dhiheessa jedhan pope fraansis.

Tattaaffii paartileen marii irratti hirmaatan fi faayidaa waloo hordofuun taasisaa jiran daandii araaraa qabatamaatti nuuf haa geessu, Obboloota keenya kan Itoophiyaa kadhannaa keenya akka hin hanqanne, Obbolootaa fi obboleettoota akka malee miidhamaniif kadhachuu hin dagatinaa, kana malees, tokkummaa keenyaa fi gargaarsa namoomaa isaan barbaachisu dhiyeessuufii hin dagatinaa jedhan pope Fraansiis.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG