Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoteela Somaaliyaa Irratti Haleellaan Raawwate Lubbuu Namaa Galaafate


Hoteela magaala Kismaayyoo keessatti haleellame, Somaaliyaa, Onk. 24, 2022.
Hoteela magaala Kismaayyoo keessatti haleellame, Somaaliyaa, Onk. 24, 2022.

Hidhattoonni gareen al-Shabaab hoteela magaalaa andaara galaana Kismaayyoo erga weeraranii guyyaa tokko booda lakkoobsi namoota du’anii gara 11tti ol guddachuu angawoonni Somaaliyaa beeksisanii jiru. kanneen du’an keessa loltoonni lama kan argaman ta’uu angawoonni kun dubbataniiru. Namoonni kudhanii ol ta’an madaa’anii gara hospitaala naannootti geessamanii jiru jedha gabaasi Ahimed Mohammed Moqaadishoo irraa erge.

Hoteela Tawakkal irratti weerarri raawwatame kun haleellaa hamaa guddaa baatii kana Somaaliyaa keessatti raawwatame yoo ta’u, kunis Somaaliyaa waaltaa kessatti gareen al-Shabaab waraana Somaaliyaa biyyoolessaa fi michoota isaa garee milishootaa irratti haleellaa baatii kana keessa raawwate isa lammataa ti. Jalqaba baatii onkoloolesaa irra magaalaa Beledweeyn keessatti haleellaa boombii rawwateen yoo xiqqaate namoonni 20 ta’an du’aniiru.

Abdisalam Guled kampanii tajaajila nageenya Somaaliyaa keessaa tokkoof daayirktera.

Guleed akka jedhanitti magaalaa Kismaayyuutti kan argamu hoteela Tawakkal irratti haleellaann raawwatame, al-Shabaab bakka kamittuu, yeroo kamiinuu haleellaa raawwachuu akka danda’u mul’isa. Al-shabaab garee kanatti duuluuf namoota qophaa’an ilaalchisee odeeffannoo qabaachuu isaa mul’isa jedhan. Guleed Hoteelicha keessatti attamiin al-shabab irratti duuluun akka danda’amu mari’achuuf mariin itti aanu jiraachuu ilaalchisee odeeffannoo qaba jedhan.

Al-Shabab beekkannaa sadarkaa addunyaa kan qabu mootummaa Somaaliyaa fonqolchuuf waggoota 15 oliif lolaa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG