Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazixeessaa Paakistan Gameessa Keeniyaa Keessatti Ajjeefame Ilaalchisuun Qorannaan Akka geggeessamu Gaafatame


Hiriira gaazixeessonni Paakistan ajjeechaa gaazexeessaa biyya isaanii Naayiroobii keessatti ajjeefamee balaalefachuuf bahan, Karaakii, Paakistan, Onk. 24, 2022.
Hiriira gaazixeessonni Paakistan ajjeechaa gaazexeessaa biyya isaanii Naayiroobii keessatti ajjeefamee balaalefachuuf bahan, Karaakii, Paakistan, Onk. 24, 2022.

Gaazexeessitoonni Gaazixeessonni kudhanii ol ta’an magaalaa guddoo Paakistaan Islaamaabaad keessatti poolisiin Keeniyaa gaazexeessaa gameessa Paakistaan Naayiroobii keessatti ajjeesuu ilaalcisee hiriira bahan.

Poolisiin Keeniyaa haala kana ilaalchisuun kanarratti gadda itti dhaga’ame ibsee, yeroo konkolaataa walfakkaataa kan daa’imman butamuu keessatti hirmaate barbaadaa turetti enyummaa dogoggoraa dhimma ilaaleen ajjeechaan kun raawwachuu ibseera. Dubbi himaan hiriirtota mormii sanaa akka jedhetti ajjeechaa Dilbata darbe kan Arshaad Shariifii kana ilaalchisuun qorannaa gad fagoon akka geggeessamu gaafataniiru.

Hawaasi gaazixeessota Paakistaan Keeniyaa keessatti ajjeechaa Arshaad Shariif irratti raawwatame ilaalchisee hatattamaan qorannaa akka geggeessu gaafataa jira. Paartileen polotiikaa hedduunis gaaffii kana deggeraa jiran. Mootummaan Paakistaan dhimma ajjeechaa kana qulqulleessuuf komiishina haqaa hundeessuu qaba jedhan.

Shariif Paakisaaniin dhiisee kan ba’e baatii Adoolessaa keessa biyyattii Ashiyaa kibbaa waraana cimaan hoogganamtuun hidhamuu jalaa dheessuuf jecha. Mootummaa muummicha ministeeraa Shahaabaaz Shariif illee qeequu yoo ta’u, irra deddeebi’uu dhaan wlabummaa miidiyaatti kan amanu ta’uu dubbataa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG