Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Boombii Nukilera Irraa Hojjetame Fayyadamuuf Karoorsite Jechuun Yukireeniin Himatte


Pirezdaantiin Yukireen karaa interneetiin viidiyoodhan hoggantoota Awrooppaaf ibsa yeroo kennan, Berliin < Jrman, Onk. 25, 2022
Pirezdaantiin Yukireen karaa interneetiin viidiyoodhan hoggantoota Awrooppaaf ibsa yeroo kennan, Berliin < Jrman, Onk. 25, 2022

Mormiin warren gama dhiyaa jiraatus Raashiyaan Ykireen boombii meeshaan nukleraa irraa hojjetamuu fi radiyeeshinii of keessa qabu fayyadamuu itti fufte jechuun himattee dhimmi isaa gola naga eegumsaa har’aa irratti akka dhiyaatu beeksistee jirti.

Diplomaatonni akka jedhanitti Raashiyaan miseensota 15 qabu kan cufataatti kan geggeessamu gitoota ishee gola naga eegumsaaf dhimma isaa akka dhiyeessitu dubbatte jedhan.

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddera Raashiyaa kan ta’an Vaaslii Nebeenziyaa, muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Gutereeshii fi gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf xalayaa erganiif VOA dhaqqabeen akka jedhanitti, Raashiyaan, mootummaan Kiiyiv boombii akkasii fayyadamuu akka shorokeessummaa nuklera gargaaramuutti fudhatti jedhan.

Yukireen qabiyyee ofii irratti Mooskoon boombii nukilera irraa hojjetame dhoosuuf karoorsite himannaa jedhu kan haalte yoo ta’u, deebii kanaa Raashiyaan sababa hamaa dhaaf boombii akkasii gargaaramuuf akka doorsisaatti itti fayyadamuu feeti jettee jirti.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Piraayis, Raashiyaan boombi akkasii fayyadamti taanaan daafoon isaa hamaa dha jechuun wixata kaleessaa akeekkachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG