Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa fi ABUT Akka Dhukaasaa Dhaabuurratti Waligalan Yunaayitid Isteetis Gaafatte 


FAAYILII - Taankii waraanaa barbadaahe, Guraandhala 25, 2022
FAAYILII - Taankii waraanaa barbadaahe, Guraandhala 25, 2022

Afrikaa kibbaa keessatti marii nageenyaa irraa kan jiraan mootummaan Itiyoopiyaa fi ABUT akka dafanii dhukaasaa dhaabuu irratii waliigalanii adeemsaa karaa nagaatiif tarkaanfii isa jalqabaa akka fudhatan ministrrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isateets Antoonii Biliinken ergaa fuulaa tiwuutarii isaanii irrati dabarsaniin gaafatanii jiru.

Karaa biraatiin Marichii fiixaan akka bahu abdii isaanii kan ibsaan dubbii himaan ministeera dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Niid Pirayis waliigaleteen irra gahamuu yoo yaratee waan Afuran irratt akka xiyeeffatu ibsaa gaazexesootaa fi kenna keessatti himani jiru. Akuma Kanaan, inni jalqabaa dhukaasaa dhaabuu, gargaarsa namoomaa laachuu jalqabuu, tarkaanfii siviilota midhaa irraa eeguu, inii afuraffaanii fi inni barbaachisaan wa’ee waraanii Eeritiraa kaabaa Itiyoophiyaa keessaa bahu akka ta’e ibsaniiru.

Dura taa’aan komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mohaamat, xalayaa guyyaa kaleessaa barreesaniinii gareewwan lamman marii nagaa kana irrattii hirmaachuu isaaniitiif galateeffataniiru.

Mariin amma Dilbata dhuffuu onkololessa 30/2022 itti fufa jedhamee kun kalesaa jalqabamuu isaa kan beeksisan, dubii himaan prezidaanti Afrikaa kibbaa Veensenet Magwenyuu marichii fala naga qaqbeessaafii waarii qabesaa ta’e barbaachuuf akka ta’e oduu gabaastotaf ibsaniiru.

Mariin nagaa kun kan jalqabamee yemuu waraanii mootummaa Itiyoophiyaa Tigiraayii keessatti bakkeewwan heduu qabachaa jiranutii. ministeerii Itisaa mootummaa Itiyoophiyaa ibsaa kaleessaa baaseen umnoonnii ABUT akka harkaa isaanii keennan gaafate jira. Karaa biraatiin duraa taa’aan ABUT Doktoor Debretsiyoon Gebremikaa’eel umnoonii isaanii akka mootummaa Itiyoophiyaafi Eeritraa injifachuu danda’an dhaadachuu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG