Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nageenya Kan Biyyoottan Afriikaa Senegaal Keessatti Geggeessame 


Walgahiin wagga nageenyaa fi tasgabii Afrikaa irratii mariyatu marsaa saddeettaffaan Seengaal keessatii jalqabamee jira.

Gabaasinii Aniikaa Haamershilaag n Seeneegaali irraa qidaa’ee akka ibsutii walgahii waa’ee nageenyaa fi tasgabii Afrikaa keessatii shooraa michuuwaan idilee adduunyaa taphachuu danda’an irratii xiyyeeffatu kana keessatti hirmaattonii kuma tokkoo ol ta’an argamanii jiru.

Hoggantoonii Kaap Verdii, Angoolaa fi Giinii Bisaawo kan argaman yeemuu ta’uu haanga’oonii olaanoon jaappaan, Sa’udii Arabiyaa fi Fraansii walga’ichaa irratii hirmaataniiru.

Walgahichaa haasaadhaan kan bannan perzidaantiin Seenegaalii fi durataa’aan gamtaa Afrikaa Maakii saal , rakkoon nageenyaa fi tasgabii afrikaa rakkinaa diinaagdee gadii fageenyaa qabuu irraatti kan hundaa’ee ta’uu isaa ibsanii namoonii miiliyonatti lakkaawaman Iyyummaa hamaa keessaa waan jiraniif egeree isaaniitiif abidii akka hin qabnee dubbatan. Falli isaas dargagootaa Afrikaa guddachaa fi baayachaa jiraan barsiisuudhaa fi hojii irratii bobbaasuu akka ta’e Maakii Saal ibsuun isaanii gabaasameeraa.

Akka qoo’annoon agarsiisutii hookkarrii gareewwan hidhatootaa maqaa Isilaamummaatiin soccho’anuu yemuu isaa bara 2019 wal bira qabamee ilaalamu , baraa 2022 dhibeentaa 21 dabalee balaawwan 6,300 umamaniru. Hookkoraa finxaaleeyumaadhaan walqabateen baraa kana keesaa namoonii 15,000 kan du’an yemuu ta’u kuniis baraa 2019 irraa harkaa Shantamaan kan dabalee akka ta’e ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG