Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Haleell Samii Irraa Itti Fuuftee Jirti:Yukreen


Haleellaa Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessite, Sadaasa March 26, 2022.
Haleellaa Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessite, Sadaasa March 26, 2022.

Haleellaa Raashiyaan halkan edaa bu’uuraalee eleektrikaa irratti xiyyeeffate erga raawwatte booda naannolee biyyattii hedduu keessatti itti fayyadama humna ibsaa daangessuu isaa kaampaaniinenerjii mootummaa Yukireen har’a beeksisee jira.

Kaampaaniin human eleektrikaa kan Yukreen akka jedhutti, haleellaan gaggeeffame meeshaalee biyyatti waaltaa keessatti argaman dabalata . Neetworkiin garmalee hojiin akka itti hin heddummaanne gochuuf akkasumas dhaabbilee miidhaman salphaatti sirreessuun akka danda’amuutti, tajaajiilli fayyadama ibsaa daangeffamuun barbaachisaa ta’uu ibseera.

Haleellaan haaraan kun Yukireen irratti kan raawwatame Pirezidaant Volodymyr Zelenskyy hojjettoota damee sanaa tattaaffii humna ibsaa tasgabbeessuuf taasisan eega galateeffatanii booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG