Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Namnii Tokko Ajjeefameera: Garee Doktooroota Biyyatti


Faayilii - Hiriira mormii Sudaan Onkoloolessa Oct. 25, 2022
Faayilii - Hiriira mormii Sudaan Onkoloolessa Oct. 25, 2022

Sudaan keessatti bulchiinsa waraanaa aangoo kan itti qabatee waggaa tokko ilaalchisee hiriira Robii kaleessaa ba’ame irratti, humnoonni nageenyaa gaazii imimmaansu waan fayyadamaniif namnii tokko ajjeefamuu gareen Doktorootaa tokko beeksisee jira.

Erga hogganaan waraanaa Abdel Fattah al-Burhaan aangoo qabatanii as, Sudaan hiriira farra fonqolcha mootummaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u tarkaanfii humnootiin nageenyaatiin fudhtamu yoo xiqqaate mormitoonni 117 du’aniiru. Angawoonni biyyatti gaafa Kibxataa tajaajiila interneetii ugguran.

Lammiileen Sudaan Deemokraasiin akka argamuuf iyyatan kun Kibxata kaleessaa daandii guutuu biyyattii irratti ba’an kanneen kumaatamaan lakkaa’aman, waggaa fonqolcha mootummaa irratti ammas intarneetiin addaan cituu mormii dhageessisan.

Koreen Giddu-galeessaa Doktoroota Sudaan akka jedhetti, magaalaa Omdurmaan keessatti namnii mormaa ture tokko taankii humnootii nageenyaatiin rukutamee ajjeefamuu, namoonni sadii ammoo madaa’uu ibseera.

Koreen kun akka jedhetti lakkoofsi namoota mormii waggaa darbe gaggeeffameen du'anii 119 ga’u ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG