Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattonni Aaysiis Lama Moqdishoo Keessatti Ajjeefama


FAAYILII -Al-Shabab
FAAYILII -Al-Shabab

Qondaaltonni Somaaliyaa Robii kaleessaa hidhattoota Aaysiis(ISIS) lama garee shororkeessummaa al-Shabab bakka bu’uun ajjeechaa raawwachuu isaaniitiin yakkamaa ta’an ajjeefamuu beeksiisan.

Torban tokko keessatti hidhattoota Islaamummaa ajjeefamun kanaan lammaffaa ta’uu isaati. Ajjeechaan kunis qaama duula waraanaa mootummaan Somaaliyaa hidhattoota kana irratti gageessu keessaa tokko ta’uun ibsameejira.

Namoonni lamaan kun akkaadaamii Poolisii walii gala Kahiye Moqaadishoo keessatti garee dhukaasee ajjeesu fuulduratti dhiyaatan.

Akka waraqaa mana murtii jedhutti, Aden Mohamed Ali Mohamud jalqaba bara 2010tti Al-Shababitti kan makame yoo ta'u, booda irra garuu bara 2015tti gara ISIStti kan ba'e yoo ta'u, Mohamed Ali Mohamed Farah ammoo olola garee kanaa karaa ergaa icciitii qabuun appii miidiyaa hawaasaa Telegram jedhamu irratti erga ilaalee booda qofa IAaysiisitti makame.

Abbaan Alangaa Waliigalaa kan Waraanaa Abdullaahii Kameey mana murtiitti akka himanitti, lamaan isaanii giddugala Somaaliyaa fi magaalaa guddoo Moqdishoo keessatti ajjeechaa lammiilee nagaa fi qondaaltota mootummaa irratti raawwatamaa ture keessaa harka qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG