Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukireen Haleellaa Raashiyaan Qilleensa Irraan Raawwatte Of Irraa Qoladhe Jette


Gamoo haleellaa Raashiyaatin miidhame, Yukireen, Onk. 26, 2022
Gamoo haleellaa Raashiyaatin miidhame, Yukireen, Onk. 26, 2022

Prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii diroonii rukutamee kufe cina dhaabachuu dhaan Raashiyaan haleellaa shororkeessummaa itti fuftee jirti jedhan. Samii irraan ammas haleellaa nutti roobsan jedhan.

Guyyoota lama keessatti diroonii 30tu haleellaa raawwate jedhan prezidaantichi.

Kanneen samii keenya diina irraa ittisan meeshaa diinni nutti erge duubaan cabsuu dhaan gara keenya akka hin seenne waan dorkaniif jecha dirooniiwwan Iraan Shaahid jedhaman 23 rikutamanii kuffisaniiru jedhan.

Zeleneskiin akka jedhanitti yeroo kanatti Raashiyaan haleellaalee misaayilaa 4,500 fi weerara samii irraanii 8.000 raawwatteetti. Nutis qabsaa’aa, daran haleelaa jirra jedhan. Lubbuu namaa irra miidhaan ga’e yoo ta’e hanga yoonaa hin ibsamin jira.

Ministeerri ittisaa Biriteen, dandeettii Rashiyaan Yukireen irratti qabdu ilaalchisee har’a ibsa kennee jir.a. fuula Twitter isaa irratti maxxansuun ministeerichi akka jedhetti meeshaaleen Raashiyaan Yukireen keessaa qabdu hangi tokko humnoota eeggataa bakkaa bakkatti sosso’aniin kan qabanii fi hanqina humna namaa akka qabu beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG