Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dura Taa’aan Komiishina Gamtaa Afriikaa fi Ministriin Dhimma Alaa Ameerikaa Wal Arguun Mari’atan


FAAYILII - Ministiiri Dhimma Alaa U.S Antoonii Blinken
FAAYILII - Ministiiri Dhimma Alaa U.S Antoonii Blinken

Ministirri Dhimma Alaa U.S Antoonii Blinken adeemsa nagaa kaaba Ityoophiyaa dabalatee dhimmoota ka biroo irratti dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaki Mahamat waliin maril’ataniiru. "Dura taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waliin Otawaatti wal arguun gammachiisaa ture. Dura taa'aa kan ta’an Faakiifi Gamtaan Afrikaa nagaa kaaba Ityoophiyaa milkeessuuf barbaachisoodha" jechuun Bilinken har'a tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa gama biraan "naannoleen fi dhaabbileen warra dhihaa tokko tokko kijiba maqaa balleessii Itoophiyaa irratti faca'aa jiruu keessaa harka qabu jehee waan fedhe haa ta'u TPLF baraaruuf tattaafataa jiru jechuun himate. Gama biraatiin Geetaachoo Redaan yeroo jalqabaaf Piritooriyaa irraa walitti bu'iinsa kana ilaalchisee tiwiitara irratti kan barreessan yoo ta'u, himannaa barruuThe Economist jedhamuu mormaniiru.

Gama biraan ajajaan waraana Tigraay Jeneraal Tadese Weredee, miidiyaa naannoof akka himanitti, lola malee filannoo biraa waan hin qabneef waraanni deemaa jira, itti fufas jedhan.

Ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin, karoorri waraanni Itoophiyaa inni guddaan magaalaalee Tigraay to’achuu akka ta’e ibsaniiru; Aksum, Aduwaa humna Itoophiyaa fi Eertiraa jala jiru. Itti dabaluunis akeekni Eertiraa inni guddaan ummata tasgabbii dhabsiisuu fi shororkeessummaa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa bulchitoota Tigraay gaggeessan muudeera garuu kun hin milkaa’u jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG