Magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa Moqaadhishoo keessatti kan mudate boombiin konkolaataa irraa dho’e hedduu galaafatee miidhaa itti dabalaa dhaqqabsiisee jira.
Mohammed Daaysaanee Moqaadishoo irraa akka gabaasetti, magaalattii keessatti kan argamu daandii qaxxaamuraa namoonni irra heddummaatan Zoobee irratti dho’iinsi boombii dhaqqabe kun namoota ajjeesee jira jedha. Maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan miseensi poolisii tokko gama isaaniin dho’iinsi sun tokko naannoo ministeera barnootaa Somaaliyaatti raawwachuu isaa dubbataniiru.
Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa gaazexeessaan biyya keessaa Mohaammad Isaa Konaan akka ta’e mirkaneessaniiru.
Forum