Tigraay keessatti wal waraana kan jiran mootummaa Itiyoophiyaa if Adda Bilisummaa Uummaya Tigraay (ABUT) gidduutti mariin Afrikaa Kibbaa keessatti gaggeefamaa jiru hanga Wiixata har’atti dheerachuu isaa sabaa himaan naannoo kan Afrikaa Kibbaa fi dhaabatii oduu Ashoosheetid Prees gabaasanii jiru.
Marii Kibxata dabree kaasee gaggeeffamaa jiru kana ilaalchisee ibsii ba’e ykn gad faageenyaan ifatti waan iibsamee hin jiru.
Garu dubbii himtuun dura ta’aa komiishiina gamtaa Afrikaa kan Musaa Faakii Maahmaat , Ebba Kalondo, dhaamsa dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif erganiin, marii kana xumuruuf guyyaan qabame hin jiru jedhan.
Qondaalli qophii marii kanaa beeku tokko akka mirkaneessanitti, Afrikaa Kibbaa keessatti mariin mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi bakka bu’oota bulchiinsa naannoo Tigraay gidduutti taasifamaa jiru itti fufee jira.
Mariin Gamtaa Afrikaatiin durfamu kun wal waraansa Yunaaytid Isteeteetis namoota hanga kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu ibsituu keessatti diinummaan akka dhaabbatu kan barbaaddu yoo ta’u, tilmaamni kun hayyoota baratanii fi hojjettoonni fayyaa tokko tokkotu kenne.
Mariin nagaa sirnaan jalqabaa torbee darbe kan eegale yoo ta’u, mootummaan Afrikaa Kibbaa Wiixata akka xumuramu beeksisee ture. Bakka bu’oonni gama lameen wal waraanaa jiran gaaffileef deebii hin laanne.
Biyya Ollaa taatee fi waraanni ishee gama Itiyoophiyaa goreenwaraanaa jiru Eertiraan, marii kana irratti kan hirmaanne yoo ta’u, biyyi ukkaamsaa ykn cunqursaa gad fsgoo ta’e gaggeessuun beekamtu kun, waliigaltee irra ga’ame kamiyyuu kabajuu fi dhiisuun ishee ifa miti.
Maddeen Jila Tigraay Afrikaa kibbaa keessa jiruutti dhiyoo ta’an dhaabata oduu AFPf akka ibsanti, mariin kun hanga Kibxata boritti itti fufuu mala.
Forum