Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Ertraa Namoota Nagaa Tigraay Keessatti Ajjesan: Kanneen Ijaan Argan


FAAYILII- Mana wal-waraansa keessa miidhame, Wuqiroo, Maqalee, Bitootessa 1, 2021.
FAAYILII- Mana wal-waraansa keessa miidhame, Wuqiroo, Maqalee, Bitootessa 1, 2021.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay Afrikaa Kibbaatti yeroo marii araaraa taa’anii jiranitti wal-taatonni humnoota mootummaa Itiyoophiyaa waraanni Ertraa namoota nagaa kan Tigraay haga tokko irratti ajjeechaa fi miidhaa hamaa akkasumas saamiinsa gaggeessu, jechuudhaan kanneen ijaan argan dhaabata oduu Ashosheetid Preesiif ibsanii jiru.

Yakki rawwatame jedhamee kun wal waraansa waggaa lamaa badii guddaa dhaqqabsisee ilaalchisee, mariin nagaa sirnaawaan yeroo jalqabaaf gama wal waraanaa jiran giddutti gaggeeffamaa yeroo jiruutti.

Dhaabbatii oduu Ashoosheetid Prees namoota ijaan agarree jedhan magaalota Shiree, Aksuum fi Adwaa irraa dhufan waliin dubbateera. Namoonni nagaan meeqa akka ajjeefaman ifa miti. Tajaajiilli Intarneetii fi bilbilaa Tigraay keessaa kan cite yoo ta’u, gaazexeessitoonni walaba ta’an Tigraay akka hin seenne dhorkamaniiru jedha.

Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa himannaa kanaa fi humnoonni Itiyoophiyaa kan Eertiraa irratti to'annaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG