Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Somaaliyaa Miidhamtoota Boombii Sambata Darbee Deeggaruuf Doolaara Miiliyoona Tokko Gumaache


Bakka haleellaan boombii itti dhaqqabe, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Onk. 30, 2022.
Bakka haleellaan boombii itti dhaqqabe, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Onk. 30, 2022.

Mootummaan Somaaliyaa namoota boombii lamaa kan Dilbata Moqaadishoo biyyattii keessatti dhoohe yoo xiqqaate namoota 100 galaafate, kanneen 300tti hedaman madeesseen kanneen miidhaan irra ga’e akka deeggaru waadaa seenee jira.

Haleellaan Al-Shabab kan Sambata darbe kun kan raawwatame yeroo humnoonni nageenyaa hidhattoota kana irratti haleellaa bal’aa gaggeessaa turanitti jechuu dhaan Ahimed Mohaamed Moqaadishoo irraa gabaase.

Walgahii kaabinee hatattamaa Dilbata darbe gaggeeffameen booda, Muummichi ministeeraa Hamzaa Baarree, mootummaan isaanii kaffaltii wal’aansa fayyaa kanneen haleellaa Sambata darbeen miidhamanii fi maatiiwwan isaanii miidhaan irra ga’e deggeruuf doolaara miiliyoona tokko kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan daa’imman haleellaa kanaan warri isaanii duraa miidhamaniif baasii barnootaas ni baasaaf jedhan.

Baarreen akkasuma mootummaan lubbuu badeef ijaa ba’uuf jecha haleellaa al-Shabab irratti raawwatamu dachaa gochuun kan cimstu ta’uu dubbataniiru.

Haleellaan sambata darbe Moqaadishoo keessatti raawwatame naannoo waggoota shan dura haleellaan boombii namoota 600 galaafate cinatti. Haleellaa al-Shabaab raawwachuun isaa himamu kun seenaa Afriikaa keessatti haleeellaa lubbuu galaafate guddicha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG