Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aljeeriyaan Yaa’ii Waggaa Kan Liigii Arabaa 31ffaa Qopheessaa Jirti


AlgerAlaabaa biyyootaa Arabaa Aljeersi, Aljeeriyaa, Onk. 31, 2022
AlgerAlaabaa biyyootaa Arabaa Aljeersi, Aljeeriyaa, Onk. 31, 2022

Aljeeriyaan yeroo naannichi dhimmoota qoqqoodinsa uumuu danda’an walitti aanan irratti bakka waloo argachuuf wal’aansoo qabaa jirutti, yaa’ii 31ffaa konfiraansii Arabaa waggaa guddicha Kibxata fi Roobii qopheessaa jirti.

Liigiin Arabaa miseensota 22 qabu yeroo dhumaaf yaa’ii isaa kan gaggeesse bara 2019, osoo weerarri vaayirasii koroonaa hin mul’atin dura. Waggoota sana booda jiran keessatti qormaanni haaraan ajandaa naannichaa haalaan irra deebi’ee kan qophaa’e yoo ta’u, Israa’elii fi biyyoota Liigii Arabaa afur dabalataa gidduutti hariiroo dippilomaasii uumuun, akkasumas kufaatiin waraana Yukireen keessatti mul’ateera.

Dhimmoonni sun hundi yeroo Aljeeriyaan yeroo jalqabaaf walgahii kana qopheessitutti waltajjii giddugaleessaa ta’u jedhamee eegama.

Sagantaan kun biyyi guddittii Afrikaa naannoo dhaan addunyaa Arabaa keessatti hoggansa ishee agarsiisuuf carraa kan kennu dha. Aljeeriyaan boba’aa fi gaazii oomishuun kan beekamtu yoo taatu, ennaa rakkoon enerjii addunyaa mudatee jiru kanatti biyyoota Awurooppaa biratti akka dhiyeessituu ijootti ilaalamti.

Qabxiilee marii walgahii kanaa keessaa inni guddaan rakkoo nyaataa fi enerjii, wal dhibdee baha Awurooppaa keessaan hammaatee jiru ta’uu hin oolu. Rakkoon kun daafoo hamaa dhaqabsiisuu dhaan biyyoota Arabaa biroo dabalatee Masrii, Libaanon fi Tuunisiyaan uummata isaaniif qamadii fi boba’aa gahaa biyya alaatii galchuuf rakkachaa jiranif haala hamtuu uumee jira.

Akkasumas, ji’a darbe keessa hongee hamaan waggoota kurna hedduu keessatti mudate miseensota haaraa Liigii Arabaa keessaa tokko kan taate naannoo Somaaliyaa mancaasee, naannolee biyyattii tokko tokko qarqara beelaatti fideera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG