Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Godaantota Fe'ee Deemaa Turte Erga Liqimfamee Booda Namoonni Kurnaan Laka’aman Dhabaman


FAAYILII - Donnii karaa Tarkiii irraa garage Giriik ceesusirra jirtu, Sadaasa 26, 2015
FAAYILII - Donnii karaa Tarkiii irraa garage Giriik ceesusirra jirtu, Sadaasa 26, 2015

Angawoonni Giriikii godaantota kurnaan lakkaa’aman kanneen achi buuteen isaanii dhabaman, bidiruun isaan Turkii irraa ka’uun ittiin deemaa turan halkan tokkotti odola Eviyaa fi Andiroos gidduutti haala qilleensaa hamaa ta’een erga garagaltee liqimfamtee booda hojii barbaachaaf baraarsaa guddaa jalqabaniiru.

Waardiyyaan andaara galaanaa Kibxata darbe akka jedhetti namoonni sagal, hundi isaanii dhiirota, odola dhagaan guutuame namni keessa hin jiraanne kan Kafiriyaa Straits kan magaalaa guddoo Giriikii irraa gara bahaa jirutti argman. Namoonni lubbuun hafan kun, bidiruu waardiyyaalee andaara galaanaatiin achii kan fuudhaman yoo ta’u, yeroo bidiruun kun liqimfamtu walumaa galatti namoonni gara 68 ta’an keessa akka turan, akkasumas jalqaba irratti qarqara galaanaa Turkii Izmiir irraa akka ka’an angawootaaf ibsaniiru.

Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman walitti bu’iinsaa fi hiyyummaa Afrikaa, Eeshiyaa fi Baha Giddu Galeessaa keessaa dheessan waggaa waggaan karaa Giriikii Gamtaa Awurooppaa seenuuf yaalii godhu. Irra caalaan isaanii qarqara galaanaa Turkii irraa gara odola Giriikiitti dhiyoo jirutti qaxxaamuruuf yabala namoota humnaan ol fe’atte koru dhaan gara Xaaliyaaniitti imalu.

Jalqaba baatii kanaa balaa yeroo lama mudateen yoo xiqqaate namoonni 27 bishaaniin liqimfamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG