Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay Waliigaltee Mallatteessan

Srna mallateessa waliigaltee Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay , Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022
Srna mallateessa waliigaltee Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay , Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022

Afrikaa kibbaa keessatti guyyoottan Saddeetan darbaniif marii araaraa irrra kanneen turaan mootumaan Itiyoophiyaa fi ABUT walwaraansaa waggoottan lamman darbaniif taasifamaa ture karaa nagaatiin furuudhaaf walgaltee irra gahuu isaanii jila Gamtaa Afrikaa jaarsummaan marii sana geggeessaa ture kan hoogganan Prezidaantiin Naajeriyaa duraanii Olusegun Obasaanjoo guyyaa har’aa ibsaa gaazexesootaaf kennaniin beeksisanii jiru.

Akka Obsaanjoon jedhanitti, gareewwan lamman dhukaasaa dhaabu, tajaajilaa bu’uraa deebisaanii jalqabuu, gargaarsaa namoomaa mijeessuu, eegumsaa ijoolewwanii fi dubartootaaf taasifamuu qabu jabeesuu fi kanneen biroo irratti waliigalan.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG