Dilbataa dheengaaddaa filannoo Biraaziil keessati taasifameen kan moo’aman prezidaantiin biyyatii Jaa’ir Boolsonaaroo moo’amuu isaanii ittu iffatii hin mirkaaneesiin hiriirri mormii degertoonni isaanii kan taasisana jiran miraa halaa filannoo haqa dhabeesaa irraa kan kae’edha jedhanii jedhanii jiru.
Jiraattotaa biyyatii keessaa oduu gabaastonii kan haasifsisanii fi nammi Anaa paawulaa jedhaman akka dubbatanitti , “prezidaatichii sochii morimii adeemaa jirutii waan gammadan fakkaatu. Tarii biyyatiin xinnoo akka abidaan gubattu barbaadaniit ta’a” jechuun isaanii gabassameera.
Deggeraa prezidaantichaa kan ta’an nammii umuriin isaa wagga 27 tookko gamaa isaatiin akka jedhetti, “qajeelfama poolisii ni kabajina, kan as jiran namootaa gaggaaridhaa. Mormii keenyaa itti fufnaa. Asii hin deemnuu” jechuun isaanii beekameera.
Erga haanga’oonii filannoo bu’ii filanichaa mirkaneessanii Saa’tii 44 boodaa kan haasaa taasisan boolsonaaroon,hogganaa biyyaa isaanii ta’uu isaaniitif akka boonan fi heeraa biyyaa isaaniitiif akka aboomaman haasaa isaanii keessatii ibsanii jiru.
Filannichaan qabxii dhiphoodhaan kan mo’aman Boolsonaaroon akka sirna taayitaa dabarsuu qopheessan itti gaafatamaa wajjiraa isaanii ajajuu isaanii ibsanii jiru.
Prezidaantii haaraa ta’anii kan filataman Luwiis Inaasiyoo Luula daa Silvaa Kanaan duraa biyyatti bulchaa kan turan yemuu ta’u, erga aangoo gad lakkisaanii boodaa malanmaltumaadhaan himatamanii ji’oottan 19 too’annoo jala akka turan kan ibsee gabaasnii Rooyiters , mirgaa qawee qabachuu dabalatee seeraa prezidaantiin duraanii baasaan hedduu akka gara galachaan ibsuu isaanii beeksiseeraa. Luulaa Daa silvaa yeroo amma namaa wagga 77 ti.
Forum