Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Lolla Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF Gidduu Dhaabuuf Walii Galtee Irra Ga’ame Smattee Jirti


Faayilii -Jiloota Gamtaa Afriikaa fi Itiyooophiyaa Marii Araaraa Afriikaa Kibbaa Keessaa Irratti Argaman Keessaa Sadaas 03 bara 2022
Faayilii -Jiloota Gamtaa Afriikaa fi Itiyooophiyaa Marii Araaraa Afriikaa Kibbaa Keessaa Irratti Argaman Keessaa Sadaas 03 bara 2022

Miinistriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, mootummaan Ityoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay wal waraansi ture akka dhaabbatu walii galteen mallattaa’uu isaa ni simannaa, Gamtaan Afrikaa kaaba Ityoophiyaa keessatti nagaa buusuuf carraaqqii addaa taasisaa jiru ni galateeffanna” jedhan.

Yunaayitid Isteetis adeemsa Gamtaa Afriikaan durfamu deeggaruu itti fufuuf qophii ta’uu isee irra deebitee ibsiteetti. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaatis walii galtee paartilee lamaan jidduutti irra ga’ame galateeffataniiru. Gamtaan Afrikaas waliigalteen kun nagaa, nageenya, akkasumas tasgabbiin naannoo Tigraayitti akka deebi’uuf karaa saaqa jedhee jira.

Muummichi barreessaan Tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Gutereesh, waliigalteen gareewwan lamaan gidduutti taasifame kun waraana waggoota lamaaf geggeeffamaa ture xumuruuf tarkaanfii jalqabaa fi murteessaa dha jechuun ibsaniiru.

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waliigaltee kana hojiirra oolchuuf mootummaan isaanii qophii ta’uu ibsaniiru.

Hoogganaan araarteessota mootummaa federaalaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliigaltee irra ga’ameef jajannaa qaban ibsaniiru. Jeequmsa sana hunda irraa fagaachuu qabna turre. Ittisuus ni dandeenya turre jedhan ambaasaadder Reedwaan.

Erga gubannee booda irraa akka baranne nan amana. Karaa ulfaataa baranne jedhan. Injifannoon Itoophiyaafi nagaa dhuma mataa isaafi jechuu dhaan waliigaltee kana mootummaa bakka bu'uun erga mallatteessanii booda tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Sirna mallatteessuu Piritooriyaatti gaggeeffame irratti haasaa ka dhageessisanhoogganaan araarteessota TPLF obbo Geetachoo Reedaa, walii-galteen nagaa kun hanga danda’ametti ariitii dhaan hojiitti hiikuun barbaachisaa dha jedhan jechuu dhaan Kenedii Abaatee Gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG