Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Kibbaa keesatii Reeffi Namoota 21 Kannneen Albuuda Baasuu Irratti Bobba’an Jedhamuun Shakkamu Argamuun Gabaasame


Faayilii -Poolisiin Afriikaa Kibbaa Cape Town, Onkoloolessa 12, 2022.
Faayilii -Poolisiin Afriikaa Kibbaa Cape Town, Onkoloolessa 12, 2022.

Angawoonni poolisii Afrikaa kibbaa reenfa namoottan 21 naanoo magaalaa Krugeersdoro argaachuu isaanii beekisisanii jiru. Reenfii namoottanii garaa lixaa Johaansbergitii argamee kun kan namootaa karaa seeraan alaatiin albuudaa omishuu irratii hirmaatan akka ta’u danda’u kan ibsee poolisiin Afrikaa kibbaa Roobii kaleesaa Reefii 19 argamuu isaatiif kamisaa har’aa ganama immoo reenfii namootan lamaa argamuu isaa ibsee jira.

Wareen karaa seeraan alla albuudhaa naannoo sanatii Zama Zamas jedhamee beekamuu warqee baasuu irrati hirmaatan waan meeshaa waraanaa hidhtanii baldhinaan sochoo’aniif gareen tokkoo garee biraa wajjin akka wal loluuf poolisootaa biyyatiitifs akka rakkisaa ta’e haanga’onnii poolisii nannichaa ibsaniiru.

Nammottan karaa seeraan alaatiin hojii homishaa albuudaa kana irrati boba’an caalaan isaanii godaantotaa biyyoottan olla Leseettoo, zimbaabuwee fi Moozaabiik irraa garaa Afrikaa kibbaa dhaqan akka ta’an gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG