Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walii galtee Nageenyaa Tolfame Deggersii Itti Fufee Jira


FAAYILII - Bakka Bu'aa Mootummaa Itoophiyaa Obboo Reedwan Huseen, Jila Addaa Gamtaa Afrikaa Olesenjon Obasanjoo, Bakka Bu'aa TPLF Geetachoo Raddaa fi Itti Aantuu pirezdaantii duraanii Fomzil Milambo-Nkuka, Pritooriyaa, Afrikaa Kabbaa, Sadaasa 2, 2022
FAAYILII - Bakka Bu'aa Mootummaa Itoophiyaa Obboo Reedwan Huseen, Jila Addaa Gamtaa Afrikaa Olesenjon Obasanjoo, Bakka Bu'aa TPLF Geetachoo Raddaa fi Itti Aantuu pirezdaantii duraanii Fomzil Milambo-Nkuka, Pritooriyaa, Afrikaa Kabbaa, Sadaasa 2, 2022

Preezdaantiin Ityoophiyaa Sahlework Zewde waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti mallattaa’e jajanii jiru.

Kun biyya guddoo taate kan Itiyoophiyaa fi ummata isheetiif oduu baayyee gaarii dha jechuun ibsa kan baasan yoo at’u, injifannoon biyya keenya Itiyoophiyaaf jedhan.

Carraa waliigaltee kanaan argamee qabachuun hojii irra olfama isaa, deebisanii ijaaruu fi deemsa deebisanii ijaaruu irratti fulleeffachuun

barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Walii galteen kun xumuura akka argatu gargaaruuf qooda guddaa kan fudhate garee Gamtaa Afrikaaf dinqiisifannaa qaban ibsanii jiru.

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waliigaltee mootummaa isaanii fi ABUT gidduutti xumuramuu isaa faarsan.

Lammiileen Ityoophiyaa marti carraa argamee kanaan fayyadamee waliin dhaabbachuun bulchiinsa naannoo Tigraay "deebisee ijaaruu fi dhaabuu akka qaban gaafatan.

Diinummaa dhaabuu Waliigaltee Piritooriyaa keessatti mallatteessame hordofee ibsi ABUT irraa kenname hin jiru.

Miseensi hooggan olaanaa ABUT Professor Kindeya Gebrehiwot garuu mootummaan Itoophiyaa Tigraay magaalaa Maychew haleellaa diroonii fi meeshaa waraanaa gurguddaa keessatti raawwate jechuun himatan.

Magaaluuma kana keessattis dhukaasni meeshaa waraanaa namoota nagaa ajjeesee fi madeessee jedhan.Kun kan ta'e erga waliigaltee nagaa Pretoria keessatti mallatteessanii booda jechuun Tiwiitara irratti barreesse

Sirna mallatteessuu Piritooriyaatti gaggeeffamerratti haasawa taasisaniin mariisisaan adda duree wayyaanee Geetaachoo Reedaan waliigaltee nagaa yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Geetaachoon hawaasni addunyaa dhaabbachuu kana akka deeggarus dhaamaniiru.

Sirna mallatteessuu Piritooriyaa irratti haasawa kan taasisan adda duree mari’attoota ABUT kan ta’an Geetaachoo Raddaa wayyaanee Geetaachoo Reedaan waliigaltee nagaa yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Wal waraansii deebi’ee akka hin kaanee gochuuf Hawaasni addunyaa dhaabbachuu waraana kana akka deeggarus Geetachoo Raddaa dhaamanii jiru.

Haala kanaan wal qabateen waliigaltee dhumaa fi bal’aan mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti mallattaa’e har’a ummataaf ifa ta’eera.

Komishinni Marii Guutuu Biyyaa Waliigaltee Tofame Faarsee jira

Waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti mallatteeffamuun, milkaa’ina hojii komishinichaaf haala mijataa kan uumu ta’uu Komishinarri Olaanaan Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa piroofeesar Mesfiin Araayaa dubbatanii jiru.

Waltajjiin karaa nagaa kana itti fufuun qormaataa fi garaagarummaa hafe furuu akka qaban jajjabeessan.

Gama biraan Tokkummaaan Mootummoota waliigaltee nagaa Roobii darbe mallatteffame hordofuun jaarmayoonni gargaarsaa deebi’anii hojii jalqabuuf ehama eegaa jiru jedha.

Dubbi himaan barreessaa barreessaa duree tokkummaa mootummootaa kan Antoniyoo Gutarrees Guuteres kaleessa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waahiloonni keenya mootummaa Itiyoophiyaa fi kanneen biroo waliin wal qunnamtii taasisaa kan jiran yoo ta’u yeroo gabaabaa keessatti, sochii konkolaattota gargaarsa fe’anii fi hojjettoota gargaarsaa gara Mekellee fi Shireetti deebi'anii jalqabuuf jiru jedhan.

Kokoolaataan gargaarsa fe’an karaa gama Afaar maqalee seenuu kan dhaaban Hagayya 22 bara 2022 ta’uun ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG