Angawoonni Iyiyoophiyaa fi kan Tigraay gidduu kana walii galtee irra ga’uun isaanii, gocha hammeenyaa dabalataa fi balaa gargaarsa namoomaan dhabu irraa dhufu hambisuuf, hordoffii addunyaa kan hatattamaa fi cimaa ta’eef carraa murteessaa ta’eera jechuun Dhaabbanni mirga namoomaa Hiyumaan Raaytis Waach Jimaata har’a beeksisee jira.
Tigraay keessatti wal waraansii eega jalqabamee Sadaasa 4 jechuun har’a waggaa lama kan guutee yoo ta’u, kunis humnootii Tigraayii fi Mootummaa federaalaa isa michoota naannoo fi biyya ollaa Ertiraa dabalatee giddutti ture.
Qorannoon addunyaa, qaamoleen waraanaa kanneen miidhaa bal’aa raawwatan, miidhaa ummata nagaa irratti raawwatamuu akka hin dheeranne mirkaneessuuf furtuu ta’a jedhu Hiyumaan Raaytis keessatti Daayreekteera Afrikaa kan ta’an Kariin Nantulyaa.
Dhaabbatichi, ajjeechaa seeraan ala raawwatamee, humnaan gudeeddii fi hokkara saalaa, dhukaasa seeraan alaa fi haleellaa xiyyaaraa, akkasumas saamicha dabalatee cabiinsa seera waraanaa fi dhiittaa mirga namoomaa hamaa qaamolee waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundaan raawwatame galmeessee jira jedheera.
Deggertoonni ijoo waliigaltichaa namoota nagaa ykn siviloota eeguuf dursa akka kennan, hojiin haala jiru hordofuu cimaa akka hojii irra oluuf, dhiibbaa gochuun mootummaan Itoophiyaa fi aangawoonni Tigraay waadaa mirgaa galan guutummaatti akka raawwatan gochuu qabu jedha.Hiyumaan Raaytis Waach.
Forum