Ityoophiyaa keessatti waraana suukaneessaa waggoota lamaan darban gaggeeffame sana booda dhukaasa dhaabinsa dhaabataa argamsisuun baay'ee rakkisaa ta'uuf deema jechuun hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Josef Borel walgahii biyyoota dureeyyii G-7 jedhamu fi Jarmanii keessatti gaggeeffamaa jiru irratti, akeekkachiisanii jiru.
Walii galtee mootummaan Itiyoophiyaa fi finciltoonni Tigraay mallatteessan oduu gammachiisaa dha jechuun Borel walgahii biyyoota G7 cinatti oduu gabaastootaaf ibsan.
Garuu gamnii lamaan amma waliigaltee dhukaasa dhaabbataa irra ga'uu qabu kan jedhan Borrell, kun waan salphaa ta'uuf hin jiru jedhan. Sabaiin isaas, Nagaa buusuun loola waraanaa kaasuu caalaa rakkisaa dha jedhan.
Gamtaan Afrikaa Itiyoophiyaa keessatti nagaa,fi araaraa buusuuf akkasumas, deebisanii dandamachisuuf carraaqqii taasiisan keessatti Gamtaan Aurooppaa deeggaruuf qophii ta’u ibsan Booreel.
Itti fufsniis, yeroo walii galtee kana simataa jirrutti, hawaasnii addunyaa uummata kuma kurna hedduun kanneen hangi tokko immo, lakkoobsii kun kuma 100 jedhan, uummata walitti bu’iinsa kanaan ajjeefamanii fi gocha gara jabinaan hamaa kan wal waraansa kun itti fideen miidhaman yaadachuu qaba jedhan.
Forum