Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigalteen Tofame Hundaaf Deebii Kan Hin Qabnee fi Yaaddoof Karaa Bana: Taajjabdoota


Bakka bu'aa mootummaa Itoophiyaa Obboo Reedwan Huseen fi Bakka Bu'aa TPLF Obboo Getaachoo Raddaa yeroo waliigaltee mallatteeefame walii dabarsan, Pritooyiraa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022
Bakka bu'aa mootummaa Itoophiyaa Obboo Reedwan Huseen fi Bakka Bu'aa TPLF Obboo Getaachoo Raddaa yeroo waliigaltee mallatteeefame walii dabarsan, Pritooyiraa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022

Waan haaraa mootummaa Itiyoophiyaa fi finciltoonni Tigraay mallatteessan kun wal waraansa waggaa lamaa xumuruuf tarkaanfii murteessaa fudhatame ta’uun isaa kan jajamu dha kan jedhan taajjabdonni, garu wanti baay'een ifa waan hin taaneef nagaa waaraa fiduu fi dhiisuu isaa irratti gaaffii kaasaa jiru.

Walii galteen kun, Qawwee callisuun alatti, naannolee waraanaan miidhamaniif gargaarsi namoomaa akka kennamu, achis, Tigraaykeessatti aangoo federaalaa hundeessuun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) hidhannoo hiikkachuu akka qaban addatti gaafata.

Garuu waliigaltee nagaa waaraa karaa diinummaa dhaabbataa dhaabuun, kan mootummaan toora interneetii irratti maxxanfame, waldhabdee furmaata hin arganne furuuf amanamummaa gaarii gareewwanii irratti baay'inaan kan hirkate yoo ta'u, dhimmoota murteessoo hedduu cinatti dhiisee kanneen biroo irratti ifa hin taane ta'ee hafa, xiinxaltoonni jedhe

Qorataa hariiroo siyaasa addunyaa fi pirezidaantii tarsimoo Afrikaa kan ta’an Paatriik Feeraas jedhanitti, walii galtee kana galma ga'uun rakkisaa dha. Wanti hundi kan hojjatamee fakkaatuus, garuu ariitiin raawwatame jennee yaaduu qabna,'' jechuun dhaabata oduu Ajaans Fraans Prees (AFP) tti himaniiru.

Mariin Piritooriyaa keessatti gaggeeffame kun galmeen dhumaa baasee waa’ee Eertiraa-kan humnoonni ishee duula Tigraay keessatti loltoota Itoophiyaa deeggaran- ykn milishoota naannoo adda addaa waraana kana keessatti hirmaatan hin eerre. Waliigaltee kana ennaa qopheessan waa’ee qooda fudhattoota ijoo ta’an kanaa ilaaluu dhabuun haala balaa qabu uumeera jedhu taajjabdoonni.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG