Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantoonni Addunyaa Duumessa Muddamsaa Jalatti Haala Qilleensaa irratti walitti qabaman


Hoggantoonni addunyaa Wiixata har’a marii haala qilleensaa irratti argaman, Sharim el-Shekii, Sdaasa 7, 2022
Hoggantoonni addunyaa Wiixata har’a marii haala qilleensaa irratti argaman, Sharim el-Shekii, Sdaasa 7, 2022

Hoggantoonni addunyaa Wiixata har’a marii haala qilleensaa irratti dubbatan Masrii keessatti walga’anii jiru. Hirmaatonni faalama qilleensaa xiqqeesuuf fi biyyoota guddachaa jiran kanneen duraanuu dhiibbaa ho’a qilleensaa dabaluutiin barbadaa’an maallaqaan deeggaruuf dhiibbaa jala jiran.

Walgahiin haala qilleensaa kun kan bakka bashannana Galaana Diimaa Sharm el-Sheikh keessatti gaggeeffame yeroo biyyoonni addunyaa balaa uumamaa cimaa bara kana qofa lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’aman galaafatee fi doolaara biliyoonaan lakkaa’amu baase mudachaa jirutti.

Sirna baniinsaa Wiixata har’a gaggeeffame irratti qondaaltonni rakkoo dinagdee waraana Raashiyaan Yukireen irratti geggeessite, rakkoo anniisaa ykn eneerjii, qaala’iinsa jireenyaa dabalaa jiruu fi weerara dhukkuba KOOVID-19 itti fufiinsaan mul’atu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii mootummoonni godhan akka itti fufan dhaamanii jiru.

Angawaa gameessaa waa’ee jijjirama qilleensaa kan Tokkummaa Mootummootaa Siimoon Istiil ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, sodaan jiru dhimmoota aantummaa qaban biroo dursa kennuudha jedhan.

Biyyoota 194 keessaa 29 qofatu karoora haala qilleensaa fooyya’aa kan dhiyeessan yoo ta’u, kunis marii Tokkummaan mootummootaa bara darbe Gilaasgow keessatti gaggeeffame irratti akka dhiyaateen ta’u Istiil hubachiisanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG