Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Keessatti Filannoon Walakkeessa Marsaa Geggeessame  


Namoota buufata filannootti sagalee kennaa jiran, Loos Aanjiles, Kaalifoorniyaa, Sadaasa 6, 2018
Namoota buufata filannootti sagalee kennaa jiran, Loos Aanjiles, Kaalifoorniyaa, Sadaasa 6, 2018

Kibxata har’aa Yunaayitid Isteetis keessatti guyyaa gilannoo yoo ta’u lammiiwwan Ameerikaa miliyoonaan laka’aman akkaataa deemsa ykn raawwii hojii Kongresii ammaaf yeroo aangoo prezidaant Joo Baayiden walakkeessa marsaa lammataa irratti, falmii siyaasaa Waashington kan murteessan kongresiif sagalee kennaa jiran.

Barcuma paarlaamaa 435 hundi sagaleen kan irratti kennamu yoo ta’u, barcuma senetii 100 keessaa 35iif sagalee kennu.

Namoonni miiliyoona 42 ol ta’an dursanii qaamaan ykn poostaadhaan sagalee kennaniiru. Xiinxaltoonni tokko tokko sagalee walii galaa dorgommii guutuu biyyattii keessatti argame filannoo walakkeessa marsaa kan bara 2018miliyoona 115 caaluu danda’a jedhu.

Dimookiraatonni yeroo ammaa paarlaamaa fi senetii barcuma baay’ee xiqqoo dhaan to’atanii kan jiran yoo ta’u, , garuu filannoon jalqaba geggeessame akka agarsiisutti Rippabilikaanonni mana maree fi tarii Seenetii to’achuu hin oolan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG