Dhimmaa Sooraamaa fi mindaa ittu hin kafalamin tureen walqabatee kan guyyoottan Afuriif hojii dhaabuudhaan mormii isaanii dhiheessaa turan balalistoonni daandii qelleensaa Keniyaa akka hojiiti deebi’an ajaja manni murtii kennee hordofuudhaan waldaan tokummaa balalistoota keniyaa waamichaa hojii dhaabuu haqee jiraa.
Waldaan balalistootaa xiyyaaraa miseensota 400 qabu kun waamichaa hojii dhaabuu kan haqee qibxata dheengaddaa manni murti dhimaa hojii fi hojjataa ilaaluu balalistonni hojii dhaaban haalduree tokko malee akka hojiitti deebi’anii gaaffii isaanii irratti haanga’oota danndii qilleensaa Keniyaa waliin akka maryatan erga ajaja dabarsee boodaa.
Gamtokkeen isaa Qabeenya mootummaa keniyaa kan ta’e daandiin qilleensaa keeniyaa balalistoonni isaa guyyoottan Afuriif hojii dhaabuu isaani irraa kan ka’e dooloaaraa Miiliyoon 12 dhabuun isaa ibsameeraa. Guyyootan arfan balalistoonni hojii dhaaban keessatti balaliiwwan hedduun waan haqamaniif namoonii kumaan lakkawaman dirree xiyyaaraa Joomoo keeniyaataa keessatti rakkachaa akka turan beekameera.
Daandiin qilleensaa Keniyaa waggaatti namootaa miiliyoonii Afur ta’an bakkeewwan 42 kan deddebisuu akka ta’eef waggoottan dhiheenyaa as rakkina maallaqaa keessaa akka jiru gabaasinii Juumaa Majaangaa Naayiroobii irraa VOA dhaf erge ibseera.
Forum