Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoottan Qe'ee Irraa Buqqa'anii fi Tajaajilli Bu'uuraa Bakka Duraatti Deebi'aa Jiru


Jarmayaa godaantota sadarkaa addunyaa (IOM)
Jarmayaa godaantota sadarkaa addunyaa (IOM)

Walwaraansa kaabaa Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa tureen kan ka’ee namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessaa namoonii 3000 ta’an garaa mana isaanitti deebi’uu isaanii dhaabanni godaantota adduunyaa IOM ibseera .

Akkuma kanan Bulchiinsa naannoo Amaaraa bakka Addii Harqaay jedhamu keessaa haalii nageenyaa waan fooyya’aa ta’a jiruuf jiraattonni naanichaa bakka qubannaa Qulicmeedaa jedhamuu keessa turan qe’ee isaaniitti deebisuudhaaf akka gargaaraa jiruu dhaabanii dhimaa baqatootaa kan mootumootaa gamtoomanii UNHCR akka ibse IOM fuulaa tiwutarii isaa irratti akka eere Asteer misgaanaawuu gabaastee jirti.

Karaa biraatiin, dhaabbanni umnaa ibsaa Itiyoophiyaa kaaba biyyatti keessatti tajaajila Elektiriikaa gargar citee ture debisaanii diriirsuudhaaf hariitidhaan hojjachaa jiraachuu isaa akka VOA ti himee Masfin Arragee Gabaasee jira. Umna Electiriikaatin alattis tajaajilawwan barbaachisaa ta’an akka jalqabaman mootummaan gaafachaa jiraachuu isaa gabaasiini kun Eereera.

Tajaajillawan bu’uraa deebisanii hojii irra oolchuudhaa fi dhiheessa gargaarsa namoomaa itti fufudhaaf waliigalteen walgahii Naayiroobii akka murteessaa ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG