Gamtaan Awurooppaa michooma dhaaba daa’immanii kan Tokkummaa Mootummootaa (UNICEF) waliin qabuun tajaajila fayyaa fi caasaa jireenya dubartootaa fi daa’imman naannolee walitti bu’iinsi jiru kan Itiyoophiyaa keessa jiraatan fooyyessuuf akkasumas cimsuuf kan ooluu, Yuuroo miiliyoona 31.5 ykn qarshii Itiyoophiyaa biiliyoona 1.7 ta’u kennee jira.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roolaand Koobiyaa akka jedhanitti: wal waraansii lubbuu namaa gaddisiisaa qofa osoo hin taane, walumaa gala caasaa fayyaa irrattis dhiibbaa hamaa qaba jedhan.
Amma nagaan argamaa jiruun, lammiilee Itoophiyaa hunda, keessattuu dubartootaa fi daa’imman, tajaajila addaan citee fi miidhaa fi barbadaa’uu dhaabbilee fayyaatiin tajaajila fayyaa barbaachisaa ta’e irraa hanqatan hunda gargaaruuf haala gaariin hojjechuu dandeenya jedhan.
Gamtaan Awurooppaa mirga bu’uuraa fayyaa dubartootaa fi daa’immanii deeggaruuf waadaa galeera.”Itoophiyaa gama kaabaa keessatti sababa walitti bu'iinsa kanaan dhaabbileen fayyaa 3,000 ol hojii kan dhaaban yoo ta'u, daa'imman gara 700,000 ta'an talaallii idilee hin argatiin hafan.
Forum