Yunaaytid Isteetis waliigaltee mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti Piritooriyaa keessatti mallattaa'e hatatamaan kabajamuu fi hojiirra ooluu isaa eegaa akka jirtu ibsitee jirti.
Lammiileen Itoophiyaa balaaf saaxilaman kanneen Tigraay, Affaarii fi bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa jiran, ammatti gargaarsa barbaadu jechuun waajirri Dhimma Afrikaa kaleessa Tiwiitara ofii irratti barreesse.
Mariisisaan olaanaa kan Itoophiyaa Reedwaan Huseen garuu gargaarsi nyaataa gara Tigraayitti deemaa jira jedhanii Konkolaattonni nyaataa fe'an 35 fi qoricha fe'an 3 har’a shire ga'aniiru jechuun Tiwiitara ofii irratti barreessan.
Kana malees, balalii ehamamee jira, Tajaajilli deebi'ee akka itti fufuuf hojjatamaa jira jedhan.aa jira.
Mootummaan Itiyoophiyaa akka jedhutti, erga waliigaltee nagaa Piritooriyaa keessatti tolfamee as, lammiwwan Tigraay kuma 100 fi kuma 8 ta’an gargaarsa namoomaa argataniiru.
Daarektarri olaanaa kan jaarmayaa Fayyaa Addunyaa ykn WHO Dr. Teediroos Adhanom gargaarsa nyaataa ykn qoricha tokko iyyu gara Tigraayitti sosso’aa hin jiru jedhan.
Amb, Redwan gama isaaniin, golee tokko tokko keessa, hafuura nagaa balleessuuf carraaqaa jiru jechuun himatan. Gargaarsa ilaalchisee danqaan tokkollee hin jiru jedhan.
Forum