Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Ibsa Baase

Asxaa Koreen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay
Asxaa Koreen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay

Koreen Giddugaleessaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)marii fi waliigaltee mallatteessuu Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa keessatti gaggeeffame ilaalchisee ibsa isaa jalqabaa baasee jira.

Ibsa isaa kana keessatti, waliigalteewwan mallattaa’an hojiirra oolchuuf akkasumas hojjechuuf qophii ta’uusaa ibsee ABUT loltoota hin qabu, garu namoota waraana ummataa ta’uun of irraa ittisuu keessatti qooda fudhatan qaba jechuun hiika waliigaltichaa akeekee jira.

Ibsichi garuu, naannoleen poolisii fi kan nageenyaa irraa kan hafe waraana idilee qabaachuu akka hin qabne qajeelfama irratti jala sarare. Gama biraatiin gareen mormitootaa lama Tigraay keessatti socho’an Paartii Walabummaa Tigraay fi Arena Tigray waliigaltee kana irratti deebii kennuu isaanii Mulugheta Atsbahaa Mekellee irraa gabaasee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG