Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskii har’a magaalaa Yukireen haaraa bilisa baate Kherson keessatti loltootaaf haasawa taasisaniin, Yukireen nagaaf qophii dha, nagaa guutuummaa biyyattiif jedhan.
Pirezidaantichi Kherson keessatti kan mul’atan loltoonni Raashiyaa magaalaa kibba bahaa kana irraa erga duubatti deebi’anii guyyoota muraasa booda.
Qilleensi qorraa deemuun humnoota Raashiyaa fi Yukireen lamaan isaaniif jijjiirama haala walitti bu’iinsaa fida,” jechuun Ministeerri Ittisaa Yunaaytid Kiingdama wiixata har’a odeeffannoo Tiwiitara irratti maxxansee beeksisee jira.
Zelenskyy haasaa guyyaa guyyaa dhageesisaniin, Dilbata kaleessaa lammiileen Yukireen haalli naannoo Kherson ammallee baay’ee balaa akka qabu hin dagatiinaa jechuun yaadachiisan. Hundaa caalaa albuudni jira jedhanii, jiraattonni magaalaa Kherson hundi of eeggannoo guddaa akka taasisan nan dhaama jedhan Zeleniskiin.
Forum