Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Boba’aa Andhaara Galaana Omaan Irratti Haleellaan Irra Ga’us Miidhaan Dhaqqabe Xiqqoo Dha Jedhame


FAAYILII - Suuraa karaa madda oduu Assoshiyetid Piress argame fuufata doonii Jabal, Dubaay, Hagayya 16, 2015
FAAYILII - Suuraa karaa madda oduu Assoshiyetid Piress argame fuufata doonii Jabal, Dubaay, Hagayya 16, 2015

Kampaniin doonii qabeenyaa Israa’el ta’e tokko taankeriin isaa boba’aa baatu tokko andaara galaana Omaaniti haleellaan irra ga’uu roobii har’aa beeksise.

Waaltaan geejjiba Paasifik gama bahaa ibsa baaseen akka jedhetti qaama doonittii irra miidhaa xiqqootu irra ga’e, garuu hojjettoonni irra turan martinuu miidhaan tokko iyyuu akka irra hin geenye gabaasamee jira.

Ibsi sun akka jedhutti ragaan jalqabaa akka mul’isutti dooniin boba’aa fe’atte haleellaan kan irra ga’e waaree booda Oomaan irraa fageenya km 240 irratti ture.

Maddeen galaanaa Rooyitars wabeeffatee fi angawaan Assoshiyeetid Piresiin tuqaman tokko akka jedhanitti doonittiin diroonii dhaan haleellaan irra ga’e jedhamee shakkama.

Singaapoor keessa kan maadheffate tajaajilli geejjibaa Pasfik gama bahaa kun qabeenyaa dureessa lammii Israa’el kan Idaan Ofer ta’uun ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG