Roobii har’aa finxaaleyyiin haleellaa biyyattii Kaaba gama dhiyaa Paakistan abakka lamatti geggeessaniin yoo xiqqaate humnootii naga eegumsaa saddeet galaafachuu angawoonni Paakistaan keessaa beeksisaniiru.
Duulli ganama barii konkolaataa humnootii naga eegumaa kan konyaa Lakki Maarwaat Kiiyber keessatti geggeessame miseensota poolisii ja’a galaafate.
Angawoonni poolisii akka jedhanitti poolisoonni ajjeefaman kun, sakatta'iinsa idilee gaggeessaa osoo jiranii namoonni qawwee hidhatan lama mootar saayikiliin konkolaataa isaanii rasaasa itti roobsanii baqatan.
Angawoonni naannoo haleellaa kana ''gocha sodaattuu' jechuun balaaleffachuun, namoota yakka kana raawwatan to'achuuf hojiin sakatta'iinsaa gaggeeffamaa akka jiru himaniiru.
Muummichi ministeeraa Shehbaaz Shariif ibsa Roobii har’a tiwiitara irratti maxxansaniin akka jedhanitti “shororkeessummaan rakkoolee Paakistaan keessaa isa tokko ta’ee itti fufeera” jechuun haleellaa kana balaaleffataniiru.
Forum