Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Eetraa Yoo Naannoo Tigraay Hin Gadhiisne Qoqqobbiin Irra kaa’amuu mala : Angawaa Gameessa Ministrii Dhimma Alaa Ameerikaa


Waajjira Ministeera himma alaa Yunaayitid Isteetis, Adoolessa 22, 2019
Waajjira Ministeera himma alaa Yunaayitid Isteetis, Adoolessa 22, 2019

Angawaa gameessi Ministeera himma alaa Yunaayitid Isteetis waliigaltee nagaa mootummaan isaanii fi ABUT mallatteessan ilaalchisee yaada muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy AhImad kennan simataniiru.

"Yaada muummichi ministeeraa Abiy ifatti paarlaamaa biyyoolessaa irratti, nagaaf kutannoo qaban irra deebi'anii ibsuun ammas nu jajjabeessa" jedhan angawaan gameessi Ministeera dhimma alaa kun.

Muummichi ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimed waliigaltee nagaa dhiheenya kana mootummaa isaanii fi ABUT gidduutti mallattaa’e hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu irra deebi’anii ibsaniiru.

Miseensonni garee Gamtaa Afriikaa akkasumas mootummoonni Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fi Ameerikaa waliigalteen kun xumura akka argatu deeggaruun gahee cimaa qabaataniif galata guddaa qaban ibsaniiru.

Ergaa tiwiitara kaleessa dabarsaniin,dubbi himaan TPLF Geetaachoo Reddaas barbaachisummaa raawwii waliigaltichaa irra deebi’anii ibsaniiru. "Wanti fuuldura keenya jiruu fi akkaataan itti qabnu fageenya hanga ammaatti deemame caalaa bu'aa guddaa qaba" jechuun tiwiitara isaa irratti barreesse.

Angawaa gameessi Ministeera Dhimma Alaa kun Yunaayitid Isteetis adeemsa nagaa Itiyoophiyaa deggeruu akka itti fuftu irra deebi’anii ibsaniiru.

Walitti bu’iinsi kun xumuramuu jalqabuu isaa argaa jirra jennee abdanna. Yunaayitid Isteetis Gamtaa Afrikaa deeggaruun, Mootummaa Itoophiyaa deggeruuf ga’ee ofii ba’uuf cicha qabdu kan itti fuftu yoo ta’u, miseensota paanaalii anaa qofa utuu hin taane, garuu mootummoota Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa fi kanneen biroo naannichaa kanneen walii galteen kun akka milkaa'uuf qiyyaafata guddaa kennan waliin ni hojje jechuun angawaan kun ibsaniiru jedha gabaase Kenedii Abaatee Finfinnee irraa erge.

Angawaan gameessi ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets kun, Eertiraan loltoota ishee naannoo Tigraay keessaa yoo hin baafne qoqqobbiin irra kaa’amuu mala.

Ministeerri dhimma Alaa irraa maqaan isaanii kan hin dhahamne angawaan kun, walii galtee nagaa Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa bilbilaan kaleessa kennaniin, walii galteen Naayiroobii humnoonni Eertiraa Itiyoophiyaa keessa jiraachuu isaanii beekamtii kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Hojiirra oolmaa walii galticha mirkaneessuuf yoo barbaachisaa ta'e qoqqobbii fayyadamuu irraa duubatti hin jennu" jechuun akeekkachiisaniiru.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed kaleessa mana maree bakka bu’oota Ummataaf ibsa kennanii, mootummaan isaanii waliigaltee nagaa hojii irra oolchuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru jedhan qondaalli Yunaayitid Isteets maqaan isaanii hin ibsamne kun. ABUT ejjennoo wal fakkaataa fudhachuu isaas ibsaniiru.

Akka waliigaltee kanaatti gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay seenuu kan eegale yoo ta’u, erga ji’a Waxabajjii bara 2013 akka lakkoobsa Itiyoophiyaatii as yeroo jalqabaatiif gargaarsi karaa Gondar akka ergamu Sagantaan Nyaata Addunyaa agarsiiseera.

Akka walii galtee Piritooriyaatti Naayiroobiitti mariin geggeessamee walii galtee sana hojii irra oolchuuf galmeen mallattaa’e, qaamonni lamaan Afriikaa Kibbaa keessatti dhimmoota ijoo irratti walii galan hanga tokko keessumaa humnoonni alaa fi humnoonni raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa irraan kan hafe humnoonni kam iyyuu naannoo Tigraay keessaa akka ba’an, kunis Tigraayiin hiikkachiisuu waliin wal cina kan hojjetamu ta’uu ibsa jechuu dhaan galmee sana lakkoobsa lammata irra taa’ee jiru tuqee jira.

Kun murteessaa dha kan jedhan angawaa gameessi maqaan isaanii hin tuqamne kun sababiin isaas jedhan Itiyoophiyaa keessa humnoonni Eertraa socho’an jiraachuu isaanii kan beekkannaa kennu qabxiin jiraachuu isaa fi amma ba’uun akka irra jiraatu mul’inatti waan ibsuuf jechuun hubachiisaniiru.

Wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessatti Eertraan Itiyoophiyaa cina hiriirtee waraanaa akka jirtu kan ibsite Yunaayitid Isteetis, Eertraan waraana ishee akka baastu gaafataa turuun ni yaadatama. Mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti walii galteen Pritooriyaas haa ta’u humnoonni alaa Tigraay keessaa akka ba’an kan murteesse walii galteen Naayirobii erga mallatteeffamee booda gama Eetraatii yaadi kenname hin jiru.

Guyyaa kaleessaa ibsa kennaniin Eertraan waaana ishee hin baastu yoo ta’e tarkaanfiin akkamii fudhatamuu akka danda’amu angawaan Yunaayitid Isteetis kun gaafatamanii qoqqobbiin kaa’amuu akka danda’u tuqaniiru.

Gaaffii dhiyaateef deebii kan kennan angawaa kun walii galteen sun humnoota Eertraa qofaa utuu hin taane humnoonni addaa Amaaraa fi milishoonni Affaan akka gad dhiisanii ba’an gaafata jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG