Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichii ministeeraa Itiyoophiyaa Koree Farra Malaamaltummaa Dhaabuu Beeksisan


Faayilii -Muummicha ministeera Itiyoophiyaa ennaa miseensota paarlaamaaf ibsa kennan bara 2019
Faayilii -Muummicha ministeera Itiyoophiyaa ennaa miseensota paarlaamaaf ibsa kennan bara 2019

Muumichi ministeeraa mootummaa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad hundee malaanmaltummaa biyya sana keessa jiru buqisuudhaaf sochii jalqabame bakkaan gahuudhaaf sadarkaa biyyaalesaatti koree dhaabuun isaanii beeksisan

Muumichii ministeeraa tibbana haasaa yaa’ii mana maree bakka bu’oota irrati tasisaniin malaanmaltummaan biyyatti keessatti akka itti fufe jiruu ibsaanii tarkaanfii fudhachuudhaaf erga waadaa seenanii boodaa koree miseensota torba of keessa qabu, kan itti gaafatamaa dhimma nageenyaa biyyatti obbo Tamasgeen Xurunetiin hogganamu hudaa’u isaa fuulaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti beeksianiiru.

Muummichii ministeeraa akka ibsanitti yeroo ammaa dhimmi malaanmaltummaa dhimaa nageenyaa biyyaa ta’ee jira jedhani, dhimmaa lafaatin, tajaajila bu’uraatiin, haqaa fi dhimmootan biraatin walqabatee malaanmaltumma jiruun kan ka’ee ummanii rakkachuu isaa ibsaniru.

Dhimma kana irratti gabaasaan oduu kana Masfin Araagee kan haasofsiisee hoggaanaan walda hogeeyyota diinagdee Itiyoophiyaa Profeesee Mengiistuu Ketemaa mootumaan dhimmichi yaaddessaa ta’u isaa hubatee koree dhaabuu isaa dinqisiifatanii rakkinichaa hundee gadi fageeffatee jiruu sana akka laayyootti hiikuun rakkisaa akka ta’e ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG