Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waligalteen Galaana Gurraachaa Ji’oottan Afuriif Haaromsame


Faayilii- Midhaan Yukireen gara biyyaatti Ergitu
Faayilii- Midhaan Yukireen gara biyyaatti Ergitu

Waligalteen midhaan Nyaataa fi Xaa’oo yuukreeni fi Raashaa irraa garaa biyyotan aduunyaa birootti fe’uuf Adoolessa darbee taasifamee ture, ji’ootan Afuran dhufaniif akka itti fufu haaromsamuu isaa haanga’onni Yuukreeni fi Tarkii kamisa har’aa beeksisaniru.

Barreesaan muummee dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Guterees, waligaltiichi dheerachuu isaatii akka gammadan ibsanii, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii sararrii raabsa midhaanii akka rakkina malee itti fufu taasisuudhaa fi midhaan nyaataa fi Xaa’oon Raashaa irraa gara biyyoottan birootti ergamuu duraa gufuu jiruu akka buqqisu beeksisani jiru.

Prezidaantiin Yuukreen Volodimiir Zeleniskii, Antooniyoo Gutereesi fi prezidaantini Tarkii Resiip Xayyib Erduwaan rakkinaa midhaan nyaataa aduunyaa muudatee furuudhaaf murtoo barbaachisaa murteessuu isaanii ibsaa fuulaa tiwwutarii isaani irratti kennaniin himaniiru.

Waligaltee Garba Gurachaa Kanaan midhaan nyaataa meetiriik tooniin Miiliyoonii 11 yuukreen irraa gara biyyootan adduunyaa birootti akka fe’amuu kan ta’e yoo ta’u fe’isa sana keessaa harkaa Sadii keessaa harkii lama gara biyyoottan guddachaa jiraanuutti akka geessame beekameera.

Waligalteen Adoolessa keessaa Staanbulitti Mallateeffame kun ittuu kamisaa har’aa haaromisamuu baatee sambataa dhufuu jalqabee akka hin hojjanee gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG